ABUT deeggarsa namoomaa lammiilee nagaarraa fudhachuun dhaabbata muuxannoo qabudha- Dippiloomaatii Awurooppaa duraanii

Finfinnee, Caamsaa 28, 2014 (FBC) – ABUT deeggarsa namoomaa lammiilee nagaarraa fudhachuun dhaabbata muuxannoo qabudha jedhan  Dippiloomaatiin Awurooppaa duraanii.

Garichi  muuxannoo qabutti gargaaramee deeggarsa namoomaa lammiilee naannoo Tigraayiif ergamu fudhachaa jiraachuu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Fiinlaand duraanii Siimoo Paarviyaanan ibsaniiru.

ABUT dhaabbata beela akka meeshaatti fayyadamu ta’uu   eeraniiru.

Garichi wayita qabsoo bara 1980moota keessa gaggeessaa ture tooftaa kanatti fayyadamaa turuu yaadachiisaniiru.

Ammas garichi deeggarsa namoomaa dubartoota, daa’immanii fi manguddoota baraaruuf gara naannichaatti ergamu fudhachaa jiraachuu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment