ABUT daa’imman fuuldura hiriirsuun irbaata rasaasaa taasisaa jira jedhame

Finfinnee, Hagayya 22, 2014 (FBC) – ABUT daa’imman fuuldura hiriirsuun irbaata rasaasaa taasisuun yakka raawwachaa jiraachuu ibsame.

Garichi waamicha nageenyaa mootummaan taasiseef cinaatti dhiisuun bakkeewwan daangicha naannolee Amaaraafi Afaariin wal daangessan irratti haleellaa bal’aa banuu mootummaan ibseera.

Garichi akkuma barame dambalii uummataa fayyadamuun daa’immaniifi dargaggoota naannichaa gara ibiddaatti oofaa jiraachuu ibsameera.

Ragaaleen suuraalee ba’aa jiran akka mul’isanitti gareen shororkeessichaa daa’imman umrii waggaa 12 irraa eeggalee meeshaa waraanaa hidhachiisuun bakkeewwan haleellaa banetti fuuldura hiriirsuun irbaata rasaasaa akka ta’aniif dirqisiisaa jira.

Tooftaa waraanaa boodatti hafaa dambalii namaa fayyadamuun daa’imman fuuldura hiriirsuun irbaata rasaasaa taasisaa jiraachuu ibsameera.

Mootummaan federaalaa garichi dargaggoota naannichaa waraanatti bobbaasuun haleellaa dambalii uummataa kana kan hin dhaabne yoo ta’e, Raayyaan Ittisa Biyyaa dirqama isaa ba’achuuf kan dirqamu ta’uu yaadachiiseera.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa hedduun garichi daa’imman waraanaaf hiriirsaa jiraachuufi yakka waraanaa raawwachaa jiraachuu kaasaniiru.

Yakka waraanaa garichaa osoo ilaaluu hawaasni idil addunyaa maaliif callise jechuun gaafachaas jiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment