ABUT carraa nageenyaa laatameefitti kan hin fayyadamne taanaan yeroo kamiiyyuu tarkaanfii irra deebii hin qabne fudhachuuf qophiidha – Birgaade Jeneraal Bultii Taaddasaa

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT carraa nageenyaa mootummaan laatameefitti kan hin fayyadamne taanaan yeroo kamiyyuu tarkaanfii irra deebii hin qabne fudhachuuf Raayyaan Ittsaa qophii ta’uu Ministeera Raayyaa Ittisaatti Daayreektarri hariiroo Alaa Birgaader Jeneraal BultiiTaaddasaan ibsaniiru.

Humnoota waraanaa biyyoota garaagaraa teessoo isaanii Finfinnee taasiisaniif haala waqtaawaarratti ibsa taasiifameera.

Ministeera Dhimma Alaatti Daayreektarri Jeneraalaa biyyoota ollaa fi Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Ambaasaaddar Fissahaa Shaawul, mootummaan nageenyi akka bu’uuf tarkaanfii hedduu imaluu eeraniiru.

Garichi badii kana dura naannoo Amaaraa fi Afaaritti qaqqabsiise dabalataan ammas naannoo Afaar Abi’aalaatti weerara banuun lammiilee nagaa ajjeesaa fi buqqisaa jiraachuu himaniiru.

Mootummaan murannoo nageenyaaf qabuun waliigalteen biyyaalessaa akka uumamu Maree biyyaaleessaa qopheessaa jiraachuu ibsa taasiisaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT daandii dogonggoraa qabachuun Ityoophiyaa diiguuf yaaluus gootota Ityoophiyaan fashaleessuun danda’amuu Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaatti daayreektarri olaanaan hariiroo alaa Birgaadeer Jeneraal Bultii Taaddasaa ibsaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT carraa nageenyaa laatameefitti kan hin fayyadamne taanaan yeroo kamiyyuu tarkaanfii irra deebii hin qabne fudhachuuf Raayyaan Ittisaa qophii ta’uu Birgaader Jeneraal BultiiTaaddasaan ibsaniiru.

Hayilayesuus Siyyuumtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment