Finfinnee, Hagayya 7, 2013 (FBC)- Garee shororokeessaa ABUT balleessuuf qabsoon taasifamuu bifuma walfakkatuun garee shororkeesssaa Shaneerrattis raawwatamuu qaba jechuun Itti Gaafatamaan Qunnamtii Ummataa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obbo Taayyee Danda’aa ibsaniiru.
Obbo Taayyeen gareen ABUT fi Shanee biyyaa fi uummataaf diinaa jedhaniiru.
Uummattoonni Oromoo obbooleewwan isaanii biroo waliin ta’uun Ityoophiyaa eeguuf, birmadummaa ishee kabachiisuu, badhaadhinashee dhugoomsuuf hirmaachuu qaba jedhaniiru
Uummanniis Shaneen garee shororkaa ABUT afaan Oromoo dubbatuudha ta’uu hubateera jedhan.
Uummataa Oromoo rakkisa kan turee Shaneen ABUTiin bakka bu’ee akka turee addababaayiirratti ifa ta’eera jechuun ibsaniiru.
Oromoon obboleewwan isaa biroo waliin akka waldhabuu hokkora keessaa akka galuu kan taasisee garee ABUTiidha, dhimmichas kan raawwatee ammoo Shaneeti jedhaniiru.
Ta’uus Shanee fi ABUT tokkoo ta’uus isaanii uummannii ifattii hubachuu akka qabu kan ibsan.
Gareewwan lamaan gochaa badiisaanii Ityoophiyaanoota qofa osoo hin taanee hawaasni idil addunyaa hubachuu qaba jedhan Obbo Taayyeen.
Madd:-DHPI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.