ABUT bakka jirutti akka badu gochuun uummata naannichaarraa eegama-Paartii Badhaadhinaa naannoo Kibbaa

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2014 (FBC)- Garee shororkeessaan ABUT irra deebiin akka hin dandamannee fi bakka jirutti akka baduu taasisuun uummata naannichaa hundarraa kan eegamu ta’uu hoogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Kibbaa obbo Xilaahuun Kabbadaa ibsan.

Gareen Shororkeessaa ABUT kaayyoo uummata Ityoophiyaa gumaa ba’uu fi diiguu waan qabuuf uummanni Ityoophiyaa waliin ta’uun duulicha ga’umsaan ba’achuun diinota isaa hanga dhumaatti balleessuuf wal tumsuu akka qaban eeraniiru.

Uummanni naannichaa hundi dirreetti ba’ee balaaleffannaa dhageessisuu dabalataan addatti hiriiruun kutannoo isaa agarsiisaa jira kun immoo cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Odeeffannoowwanii fi Prooppogaandaa sobaarraa of eeguun odeeffannoo dhugaarratti bu’uureffachuun Raayyaa Ittisa Biyyaa cina dhaabbachuun deeggarsa taasisuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Waamicha naannoo ofii eeguu fi biyya baraaruurratti hirmaachuun yeroo gabaabaa keessatti waraanicha injifannee gara misoomaatti deebi’uuf wal utubuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Hojii deeggarsaatiin Birri Walakkaa Biiliyoonaa ol walitti qabuun Raayyaa Ittisaa Biyyaaf kennuu fi fuuldurattis Birrii nuusa Biiliyoonaa walitti qabuuf karoorfamuu eeraniiru.

Biraanuu Bagaashaawutu gabaase.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment