ABUT ammas naannolee Amaaraa fi Affaar weeraree akka hin baanee mootummmaan beeksise

Finfinnee, Caamsaa 6, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT ammas naannolee Amaaraa fi Affaar weeraruun qabatee gadi lakkisee akka hin baanee Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummmaa beeksiseera.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun ibsa guyyaa har’aa laataniin, gareen shororkeessaa ABUT hawaasa idil addunyaa burjajeessuuf iddoowwan weeraraan qabate gadi lakkisee akka ba’ee odeessuus ammallee naannoo Amaaraa iddoowwan weerare Adi’aarqaay, Tsalamt, Abaargaalee fi kanneen biroo akkasumas naannoo Affaar aanaalee Baarihaallee, Koonovaa, Aba’aalaa, Magaaleetii hin baanee jedhaniiru.

Deeggarsa namoomaa fi haala kutaa kaabaa Ityoophiyaa ilaalchisee ibsa laataniin, mootummaan naannoo Tigraayiitti lammiilee rakkoo keessa jiran baraaruuf jecha murtoo dhukaasa dhaabuu hordofee deeggarsa namooma qaqqabsiisuu cimsee itti fufeera.

Torbe darbe konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an 165 magaalaa Maqalee qaqqabuu ibsichaan kaasaniiru.

Ta’us gareen shororkeessaa ABUT deeggarsi namoomaa akka hin qaqqabnee gufuu ta’a jiraachuu Dooktar Laggasaan himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment