ABUT abjuu biyya diiguu isaa milkeessuuf Naannoo Beenishaangul Gumuzitti yaaliiwwan garagaraa raawwateera-Obbo Ashaadilii Hasan

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Gareen shorokeessaa ABUT abjuu biyya diiguu isaa milkeessuuf Naannoo Beenishaangul Gumuzitti yaalii garagaraa raawwateera jedhan Preezdaantiin naannichaa Obbo Ashaadilii Hasan.

Obbo Ashaadiliin, ABUT hidhattoota bobbaasuun Sudaanirraa ka’uun naannichatti yaalii haleellaawwan garagaraa raawwachuu himaniiru.

Hojii shororkeessitootaa ittisuuf Humni Waloo Nageenyaa Ityoophiyaa shira isaanii fashaleessuu Obbo Ashaadiliin ibsaniiru.

Hoogganaan Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa naannichaa Obbo Abiyoot Albooroo ABUT biyyaa alaatti hidhaattota leenjisaa ture galchuun hojii ijaarsa Hidha Guddichaa, misoomaa albuudaa gufachiisuu fi nageenya naannichaa booressuuf hojjetaa tureera jedhan.

Dabalataan, naannicha sochii diinaarraa eeguudhaaf Humni Nageenyaa Ityoophiyaa qophaa’ummaan dhaabbatee jiraachuu kaasaniiru.
Namoonni gochaa gareewwan shororkeessitootaa raawwchuurratti bobba’an karaa nagaa akka filatan waamicha dhiyeessaniiru.

Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment