Abjuun Waancaa addunyaaf qabnu gufatus sadarka kanarra ga’uu keenyaaf gammanneera – Waaliid Ragiraagii

Finfinnee, Mudde 6, 2015 (FBC) – Abjuun Waancaa addunyaaf qabnu gufatus sadarkaa kanarra ga’uu keenyaaf gammanneera jedhan Leenjisaan Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Moorookoo Waaliid Ragiraagii.

Gadda osoo hin taane gammachuutu nutti dhaga’ama jedhan.

Moorookoon tapha waancaa Addunyaa 22ffaa Kuwaataariin biyyoota gurguddoo injifachuun walakkaa xumuraaf geessee turte.

Tapha walakkaa xumuraan kaleessa Faransaayiin goolii 2 fi 0n injifatamuun imalli xiiqii fi onneen guutame osoon hin milkaa’iin hafeera.

Tapha Waancaa Addunyaa 22ffaan morkattoota keenya qorreerra, ga’umsa keenya dirreerratti mul’ifneerra, kun ammoo nuuf milkaa’ina guddaadha jedhan Leenjisaan Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Moorookoo Waaliid Ragiraagiin taphaan booda yaada laataniin.

Seenaa haaraa hojjechuuf fedhii olaanaa taphattoonni argisiisaan dinqisiifataniiru.

Waancaa Addunyaa agarsiisaan osoo hin taane cimanii hojjechuun qofa moo’achuun akka dana’amu eeraniiru.

Cimnee hojjechuu keenyaan ga’umsa olaanaan seenaa haaraa galmeessuu dandeenyerra jechuun ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment