Abdulfattaa Al Buhuraan, miseensota siiviilii Mana maree walabummaa hojiirraa gaggeessan

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2014 (FBC)- Dura Taa’aan Mana Maree Ce’umsaa Walabummaa Sudaan Leetenaal Jeneraal Abdulfattaa Al Buhuraan, miseensota siiviilii Mana maree walabummaa hojiirraa gaggeessaniiru.

Manni marichaa toora telegiraamaan akka beeksisetti duraa taa’ichi miseensota mana marichaa hojiirraa gaggeessaniiru.

Albuhuraan, duraan waldhabdee mormitoota siviilii waliin ture hambisuuf, hoggantoonni waraanaa Sudaan, adeemsa marii keessatti akka hinhirmaanne ibsaniiru.

Dabalataanis, gareewwan siyaasaa fi warraaqsaa biyyattii keessaa, mootummaa ce’umsaa hundeessuuf mariin akka eegalamu waamicha dhiyeessuu Arab Niwus gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment