Abbootin qabeenyaa biyya keessaa maatii artiist Hacaaluu fi namoota balaa lolaatin miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 16.5 taasisan

Finfinnee, Fulbaana 14,2013 (FBC)-Abbootin qabeenyaa biyya keessaa maatii artiist Hacaaluu Hundeessaa fi namoota balaa lolaatin qe’eef qabeenya isaanirraa buqa’aniif deeggarsa Birrii Miiliyoona 16.5 taasisaniiru.

Deeggarsicha bakka Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa jiranitti kan taasisan.

Deeggarsa taasifameenis haadha warraa artiist Hacaaluuf Birrii miiliyoona 5.5, abbaa artiist Hacaaluu, obbo Hundeessaa Boonsaatif Birrii miiliyoona 5.5 taasisaniiru.

Lammiilee balaa lolaatiin miidhamaniif ammoo Birrii miiliyoona 5.5 taasisaniiru.

Hoogganaan waajjira Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Geetuu Wayyeessaa, deeggarsi guyyaa har’aa abbootii qabeenyaatin taasifame waliin jireenya keessatti hariiroon cimaan jaalalaa fi tokkummaa irratti hundaa’e mootummaa, ummata fi abbootii qabeenyaa gidduu jiraachuu agarsiiftudha jedhaniiru.

Maddi:-BDHKMNO

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment