Abbootiin seeraa Maalaawii ‘bu’aa filannoo burjaaja’e’ haqan badhaafaman

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2013 (FBC) – Abbootiin seeraa Maalaawii ‘bu’aa filannoo burjaaja’e’ haqan badhaafaman.

Abbootiin seeraa Mana Murtii Heeraa Maalaawii badhaafamtoota badhaasa Dhaabbatni biyya Yuunayitiid Kiingidaam Chaatam Haawus (Chatham House) qopheessu kan bara Faranjootaa 2020 injifatan.

Dhaabbatichi injifattoota badhaasa isaa bara kana Wiixata darbe yeroo beeksisu ”Afrikaa keessatti qofa osoo hin taane addunyaarrattuu biyyootni dimookiraasiin beekaman rakkoo keessa wayita jiranitti abbootiin seeraa Maalaawii olaantummaa seeraa fi dimookraasummaa michoota isaanii addunyaatti mul’isaniiruu” jedhe.

Gochi abbootii seeraa shanan Mana Murtii Heeraa Maalaawii badhaasaa kana akka injifatan sababa ta’e filannoo pireezidantummaa Maalaawii bara Faranjoota 2019tti gaggeefamee Pireezidantiin aangoorra turan Piitar Mutaarikaan injifatanii turan kufaa taasisuu isaaniiti.

Sababni bu’aan filannoo kun fudhatama akka dhabu ta’ee filannoon kan biraan gaggeefameef ammoo filannichi burjaajii hedduu keessummeessuu isaati.

Dhimmi burjaajii filannoo kanaa erga Mana Murtii Heeraa qaqqabee booda abbootiin seeraa shanan ‘doorsisa qaama biyya bulchaa jruufi matta’aaf’ osoo harka hin laatiin fakkeenyummaa guddaa agarsiisaniiru.

Abbootiin seeraa kun bu’uura heeraa fuula 50 qopheessuun sibiila rasaasan hin uramne uffatanii bu’aan filannoo kun fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsan.

Dhaabbatichi abbootiin seeraa dhiira afuriifi dubartiin tokko ”amantaa heera biyyattiif qaban akkaasumas mirga dimookiraatawaa lammiileef haala rakkisaa keessattti dhaabachuun akka danda’amu agarsiisaniiru” jedhe.

Dhiibbaan dhaaba aangoo mootummaa harkaa qabu jabaan bakka jirutti murtee heera biyyaan eegamu walabummaa isaanii haala mirkaneessun bahataniirus jechuun jaje.

Biyyootni Afrikaa gariin dimookrasii mirkaneessuuf adeemsa gaariirra kan jiran ta’uus ”weerarri Koroonaavaayiras abbaa irrootaaf carraa uumeeraa” jedha dhaabbatichi.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment