Abbootiin qabeenyaa Turkii Naannoo Affaaritti filannoowwan invastimantii garaagaraarratti akka hirmaataniif waamichi dhiyaate

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Abbootiin qabeenyaa Turkii Naannoo Affaaritti filannoowwan invastimantii garaagaraarratti akka hirmaataniif Preezdaantiin naannichaa Obbo Awwal Aarbaan waamicha dhiyaassan.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Turkii Yaapiiraak Alpii hoggantoota olaanoo Naannoo Affaar waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’ataniiru.

Marichaan, Obbo Awwal Aarbaan Ityoophiyaa fi Turkiin biyyoota hariiroo michummaa waggoota dheeraa qaban ta’uu ibsuun, Turkii Ityoophiyaatti hojiilee invastimantii fi ajandaalee misoomaa garaagaraarratti dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu kaasaniiru.

Ambaasaaddaroonni Turkii yeroo garaagaraatti Naannoo Affaaritti daawwannaa taasisuu eeruun, kanaan dura  lammiilee naannichatti hongeen miidhamaniif deeggarsa namoomaa taasisuun michummaa biyyoota lameenii qabatamaan mirkaneessuu himaniiru.

Daawwannaan Ambaasaaddarri biyyattii guyyaa har’aa naannichaatti taasisan michummaa kana kan itti fufsiisu ta’uu dubbataniiru.

Abbootiin qabeenyaa Turki naannichatti Iyoodayizeeshinii ashaboorratti hirmaachaa jiraachuu eeruun, damee Riil Isteetii fi Indaastirii Keemikaalaarratti bobba’uuf bakka kan fudhatan jiraachuu addeessaniiru.

Naannichi damee albuudaa fi qonnaan dandeettii guddaa qabaachuu ibsuun, abbootii qabeenyaa Turkii damicharratti hirmaataniif mootummaan naannichaa deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Turkii Yaapiiraak Alpii gamasaaniin, michummaa bbiyyoota lameenii daran cimsuuf itti gaafatamummaa isaanii kan ba’atan ta’uu dubbataniiru.

Turkiin Ityoophiyaatti karoorawwan misoomaa deeggaruurra darbitee dameewwan garaagaraan deeggarsa leenjii yeroo gabaabaa kennaa jiraachuu himaniiru.

Damee invastimantiinis abbootiin qabenyaa Turkii deeggartoota invastimantii ijoo ta’uu ibsuun, yerii itti aanutti filannoowwan invastimantii garaagaraarratti hirmaannaan isaanii cimee akka itti fufuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Ambaasaaddarittiin turtii isaaniitiin hoggantoota olaanoo Yuunvarsiitii Samaraa waliin kan mari’atan ta’uu fi bakkeewwan garaagaraa kan daawwatan ta’uu TOI gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment