Abbootiin qabeenyaa Turkii misooma Albuudaa filatamanirratti akka hirmaatan waliigalteerra ga’ame – Injiinar Taakkalaa Uumaa

Finfinnee, Amajjii 13, 2014 (FBC) – Abbootiin qabeenyaa Turkii misooma Albuudaa filatamanirratti akka hirmaatan waliigalteerra ga’amuu Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan ibsan.
Injiinar Taakkalaa Uumaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Turkii Yaabraak Aalp waliin mari’ataniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad turtii Turkitti taasiisaniin hariiroo tumsa tarsiimoo biyyoota lamaanii cimsuuf waliigaltee garaagaraa mallatteessanirratti xiyyeeffachuun mari’achuu ibsameera.
Haaluma kanaan Abbootiin Qabeenyaa Turkii carraa Invastimantii qabeenya Albuudarratti hirmaachuu ilaalchisee marii bal’aa taasiisuu Injiinar Taakkalaa Uumaan fuula feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
Keessattuu abbootiin qabeenyaa Turkii qabeenya Albuudaa filatamanirratti akka hirmaatanii fi tumsaan hojjechuuf waliigalamuu himaniiru.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment