Abbootiin Qabeenyaa Turkii hojiilee Invastimantii Itiyoophiyaarratti akka hirmaatan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Caamsaa 20, 2016 (FBC) – Ministir Deetan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Abbootiin qabeenya Turkii hojiilee Invastimantii Itiyoophiyaarratti akka hirmaatan waamicha dhiyeesaniiru.
Fooramiin Invastimantii Ityoo -Turkii Magaalaa Instaanbuuliitti gaggeeffameera.
Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan fooramicharratti hasaawa taasisaniin, Itiyoophiyaatti carraaleen Biznaasii hedduu jiraachuu kaasaniiru.
Biyyoonni lameen hariiroo daldalaa fi Invastimantii sadarkaa olaanaatti ceesisuuf abbootiin qabeenyaa Turkii Hojiilee Invastimantii Itiyoophiyaarratti akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.
Itti Aantu hojii Rawwachiiftuu Olaantuun Dhaabbata Invastimantii Hooldiingi Itiyoophiyaa Yaasmiin Wahibirabii gamasaaniin, fillannoo fi sochiiwwan Invastimantii Itiyoophiyaan qabduu fi seeroota haaraa jiranirratti ibsa kennaniiru.
Itti Aanaan Ministiraa Ministeera Daldalaa Turkii Musxafee Tuzzu,Itiyoophiyaatti filannoowwaan Invastimantii hedduun jiraachuu kaasuun, giddugalaa gabaa Afrikaa kan taate Itiyoophiyaatti Inveesti gochuun faayidaa olaanaa qabaachuu eeruu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment