Abbootiin qabeenyaa Saa’udii damee hoteelaa fi tajaajiloota tuuriizimii biroorratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu ibsan

Finfinnee, Caamsaa 29, 2016 (FBC)- Abbootiin qabeenyaa Saa’udii damee hoteelaa abbaa urjii shanii fi tajaajiloota tuuriizimii biroorratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu ibsan.

Abbootiin qabeenyaa Fooramii Bizinasii fi Invastimantii Itiyoo-Saa’udii irratti hirmaataniif filmaatawwan invastimantii damee tuuriizimiin jiran ilaalchisee ibsi taasifameeraafi.

Abbootiin qabeenyaa kunneen keessumaa invastimantii hoteelaa abba urjii shanii irratti hirmaachuuf haalota dandeesssianirratti Ministira Ministeera Tuuriizimii Ambaasaddar Naasisee Caalii waliin mari’achuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment