Abbootiin qabeenyaa Saa’ud Arabiyaa hirmanaa Invastimnati fi Daldalaa Itiyoophiyaatti taasisan akka cimsanii waamichi dhiyaate

Finfinnee, Caamsaa 15, 2016 (FBC) –Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Walitti Qabaa Mana Maree Daldalaa Saa’ud Arabiyaa Hasan Mujiib Al Hiwaayizii waliin mari’ataniiru.
Abbootiin qabeenyaa Saa’ud Arabiyaa hirmaannaa Invastimnatii fi Daldalaa Itiyoophiyaatti taasisan cimsanii akka itti fufan Ambaasaaddar Taayyeen waamicha dhiyeessaniiru.
Walitti Qabaan Mana Maree Daldalaa Saa’ud Arabiyaa Hasan Mujiib Al Hiwaayizii gamasaaniin, Abbootiin qabeenyaa Saa’ud Arabiyaa hojiilee invastimanti fi daldalaan keessattuu, damee Qonnaan hojii Qindeessaa fi oomishuurratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.
Abbootiin qabeenyaa baatii Hagayyaa keessa Itiyoophiyaatti daawwanaa Biziinaasii kan taasisan ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment