Finfinnee, Amajjii 27, 2013 (FBC) – Abbootiin qabeenyaa Raashiyaa Ityoophiyaatti misooma damee Innooveeshinii, Teeknooloojii fi Inarjiirratti hirmaachuuf fedhii qabu jedhame.
Abbootiin qabeenyaa Raashiyaa Ityoophiyaatti misooma damee Innooveeshinii, Teeknooloojii fi Inarjiirratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu dura taa’aan Waldaa misooma diinagdee Invastarootaa alaa fi hojii uumtootaa Raashiyaa Maark Ruuslaan ibsaniiru.
Jilli garee Biiznasii dura taa’aa Waldaa misooma diinagdee Invastarootaa alaa fi hojii uumtootaa Raashiyaa Maark Ruuslaan durfamu Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii waliin dameewwan hojii invastimantiirratti marii taasiisaniiru.
Abbootiin qabeenyaa Raashiyaa muuxxannoo misooma Diijitaalaa fi diinagdee magariisarratti qaban Ityoophiyaatti hojiirra oolchuuf qophii ta’uu isaanii jilli kun mirkaneesseera.
Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay damee misooma Inarjii Niiwuklaruu tumsaan raawwachuuf hojiin fooyya’iinsaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!