Abbootiin qabeenyaa Paakistaan Ityoophiyaatti dameewwan bu’aa qabeessa ta’anirratti akka hirmaatan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Caamsaa 5, 2015 (FBC)- Abbootiin qabeenyaa Paakistaan Ityoophiyaatti dameewwan bu’aa qabeessa ta’anirratti bobba’anii akka hojjetaniif waamichi dhiyaate.

Yaa’iin bizinasii Manni Maree Daldalaa fi Indaastirii Islaamaabaad qopheessee fi Ityoopjhiyaan irratti hirmaatte gaggeeffameera.

Yaa’icharratti Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa haasawa, taasisaniin, Ityoophiyaan abbootiin qabeenyaa biyya alaa dameewwan garaagaraatti akka hirmataniif imaammata fooyyessaa jiraachuu eeraniiru.

Yaa’iinsa invastimantii alaa guddisuun xiyyeeffannaa yeroo ammaa mootummaan Ityoophiyaa ta’uu kaasanii, dorgomtummaa biyyattii guddisuufis hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Caalmaan ammoo damee indaastiriin kaayyoo Ityoophiyaa Afrikaa irraa addaa duree taasisuuf qabame jiru ibsuun, abbootiin qabeenyaa fi hawaasni daldalaa Paakistaan dameewwan bu’aa qabeessa ta’anirratti akka boba’anii hojjetaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Ministirri Daldalaa Paakistaan Sa’iid Naaviid Kaamaar gama isaaniin, sadarkaan humna Ityoophiyaa fi Paakistaan damee daldalaan qaban gadaanaa ta’uu dubbataniiru.

Walitti daldala guddisuuf Paakistaan fedhii olaanaa akka qabdu ibsuun, sadarkaa barbaadameen guddisuufis biyyoonni lameen kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.

Yaa’icharratti Waldaalee Dame Daldalaa Ityoophiyaa fi Manni Maree Daldalaa fi Indaastiriin Islaamaabaad waliin hojjechuuf kan dandeessisu waliigaltee raawwataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment