Abbootiin qabeenyaa Paakistaan Ityoophiyaatti damee fayyaarratti akka bobba’an filmaanni invastimantii dhiyaateef

Finfinnee, Guraandhala 10, 2015 (FBC)- Abbootiin qabeenyaa Paakistaan Ityoophiyaatti damee fayyaarratti akka bobba’an filmaanni invastimantii dhiyaateeraafi.

Ityoophiyaan filmaatawwan invastimantii kana kan ifoomsite Paakistaanitti argisiisa meeshaalee faarmaasii fi oomishaalee eegumsa fayyaa gaggeeffamerratti ta’uun ibsameera.

Argisiisicharratti, Paakistaanitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Jamaal Bakarii fi Itti Aanaan Koomishinaraa Koomishinii Invastimantii Ityoophiyaa Daani’eel Tarreessaan, sirna baniinsa argisiisachaa Paakistaan Magaalaa Laahooritti gaggeeffamerratti hirmaataniiru.

Gareen jilichaa damee faarmaasii fi oomishaalee eegumsa fayyaarratti abbootii qabeenyaa boba’an waliin mari’ataniiru.

Dabalataan, gareen jilichaa mana maree daldalaa naannoo fi federaalaa biyyatti, ministiroota indaastirii akksumas qondaaltota mootummaa olaanoo eejensii beeksisaa invastimantii biyyattii waliinis mari’achuu ragaan Koomishinii Invastimantii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment