Abbootiin qabeenyaa naannoo Amaaraarra walitti babba’aan naannoo Affaariif deeggarsa taasisaan

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC)- Abbootiin qabeenyaa naannoo Amaaraarra walitti babba’aan naannoo Affaariif deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasisaaniiru.

Abbootii qabeenyaa kunneen deeggarsa taasisaan magaaalaa Samaraatti argamuun har’a preezdaantii naannoo Affaar obbo Awal Arbaaf laataniiru.

Deeggarsi taasifamees gareen shororkeessaa ABUT naannoo Affaariitti haleellaa raawwateen lammiilee qe’ee fi qabeenyaasaaniirra buqqa’an dandamachiisuuf ta’uu TOI gabaaseera.

Abbootiin qabeenyaa naannoo Amaaraa iddoowwan garaagaraarra walitti babba’aan Birrii miiliyoona 50 abbootiin qabeenyaa naannoo Affaaritti argamaan ammoo Birrii miiliyoona 50 waliigala deeggarsa Birrii miiliyoona 10 laataniiru.

Akkasumas abbootiin qabeenyaa kunneen raayyaa ittisa biyyaa adda waraanaa naannoo Affaaritti argamaniif ayyaanaaf akka ittin oolaaniif sangoota 400 laataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment