Abbootiin qabeenyaa meeshalee barnootaa fi ittisa vaayrasii koroonaaf oolan arjooman

Finfinnee, Sadaasa 1, 2013 (FBC)- Abbootiin qabeenyaa godina Shawaa kibba lixaa manneen barnootaa aanaa Sadan Sooddoof meeshalee barnootaa fi ittisa vaayrasii koroonaaf oolan arjooman.

Barattoonni sababa koronaan akka biyaatti barnoota erga addaa kuran ji’oottan saddeet derbaniiru.

Ulaagaa ministeerri barnoota fi ministeerri fayyaa baaseen akka naannoo Oromiyaattis barattoonni kutaa 8ffaa fi 12ffaa qormaata biyyaaleessaa fi naannoof of qopheessaa jiru.

Abbootiin qabeenyaa dhalattoota aanaa Sadan Sooddoo ta’an barattootni koronaafi akka hin saaxilamneef saanitaayzarii fi maaski walitti qabuun manneen barnoota Goda Duulaa , Yaabbataa fi Sochee jedhamamiif arjoomaniiru.

Dabalataanis meeshaalee barnootaa barattootaaf Qalamaa fi Barullee Birrii kuma 200ti tilmaamamu gumaachaniiru.

Marsaa itti aanuunis deeggarsa meeshaalee barnootaa taasisan dabalataan bulchiinsa aanichaa waliin ta’uun manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Goda Duulaa kutaa 9ffaa hanga12ffaa fi mana baruumsa Yaabbataa kutaa 1ffaa hanga 10ffaa sadarkaa isaa kan eeggate ijaaruun meeshaalee barbaachisu hunda kan guutan tahuu abbootin qabeenyaa kunneen bulchiinsaa aanichaa biratti ummataaf waadaa seenaaniiru.

Itti aanaan bulchaa obbo Tashaalaa Miidhaqsaa fi Itti gaafataman waajjira barnoota aanaa Sadan Sooddoo obbo Salamoon Maammoo abbooti qabeenyaa deeggarsa taasisan galateefataniiru.

Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment