Finfinnee, Sadaasa 1, 2014 (FBC) – Abbootiin qabeenyaa Bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa Raayyaa Ittisaa deeggaruuf waadaa galaniiru.
Abbootiin qabeenyaa magaalichaa marsaa duraan Birrii miiliyoona 12 Raayyaa Ittisaaf deeggarsa kan taasiisan yoo ta’u, ammas deeggarsa taasiisan cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.
Gandoota magaalicha hunda keessatti Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisuuf koreen hundaa’ee sochiin eegaluu ibsameera.
Garee shororkeessaa ABUT yeroo dhumaaf dhabamsiisuuf abbootiin qabeenya magaalaa Dirree Dawaa deeggarsa barbaachisu taasiisuu akka qaban Itti gaafatamaan Kaabinee magaalaa Dirree Dawaa obbo Ibraahiim Yesuuf eeraniiru.
Magaalichatti qaamolee garee shororkeessaa ABUT deeggaruuf socho’aa turan 250 ol to’atamuu Kaantibaan Magaalaa Dirree Dawaa obbo Kadir Jawaar ibsaniiru.
Nageenya magaalaa Dirree Dawaa mirkaneessuuf tarkaanfii mootummaan fudhataa jiru Abbootiin qabeenyaa magaalichaa dinqisiifataniiru.
Qabeenyi jiraachuu kan danda’u biyyi yoo jiraatte qofa ta’uu isaan,biyya baraaruuf deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasiisan cimsanii kan itti fufan ta’uu abbootiin qabeenyaa kunneen eeraniiru.
Iyyoonaadab Andu’aalemtu gabaase.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.