Finfinnee, Mudde 13, 2017 (FMC)- Abbootiin qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 2.6 ol galmeessan Zoonii Addaa Diinagdee Jimmaatti hojii Omisha Bunaa fi Baalaa Shaayee eegaluufi.
Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Koorporeeshinii Misoomaa Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaa Dooktar Fissaahaa Yitaagasuun Godina Jimmaa Aanaa Maannaatti kilaastara bunaa fi shaayii, buufata biqiltuu daawwattaniiru.
Abbootii Qabeenyaa Bunatti Sona Dabaluun Gabaa Alaaf Dhiyeessan Zoonii aaddaa dinagdee jimmaatti hojii eegaluuf adeemsarra jiraachuu Dooktar Fissahaan himaniiru.
Kun ammoo qonnaan bultoota godinichaaf walitti hidhamiinsa gabaa waaraa kan uumu ta’uu, hojiilee invstimantii kan dadammaqsuu fi jajjabeessu ta’uu dubbataniiru.
Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasiir gama isaaniin Zooniin Addaa Diinagdee Jimmaa qonnaan bultoota misooma bunaa fi shaayeerratti bobba’aniif carraa bal’aa ta’uu himan.
Dhaabbanni zayiita Avokaadoo oomishuun gabaa Ameerikaaf dhiyeessu Akshaay Jeen qonnaan bultoota kuma 10’f walitti hidhamiinsaa gabaa waaraa uumuun argisiistuu ta’uu himaniiru.
Abbootiin qabeenyaa Zoonii Addaa Diinagde Jimmatti akka hojii eegalaniif hojiilee koorporeeshinichi hojjechaa jiru jajjabeessaa ta’uu kaasanii, bulchiinsi godinichas deeggarsaa fi hordoffii barbaachisaa akka taasisu mirkaneessaru.
Dhaabbileen bunaa fi shaayeetti sonaa dabaluun gabaa alaaf dhiyeessan guutummaatti wayita hojii eegalan lammiilee kuma 2 oliif carraa hojii kan uuman ta’uu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia