Abbootiin qabeenyaa Hindi Paarkii Indaastirii Qilinxootti hojii invastimantiirratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsan

Finfinnee, Sadaasa 12, 2016 (FBC)- Abbootiin qabeenyaa Hindi damee oomisha qorichootaa fi maanufaakachariingii irratti bobba’an Paarkii Indaastirii Qilinxootti hojii invastimantiirratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsan.

Koorporeeshiniin Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaa abbootii qabeenyaa Hindi waliin mari’ateera.

Hoji Raawwachiisaa Ittaanaan Damee Maarkeetiingii fi Beekisisa Invastimanti Koorporeeshinichaa Obbo Zaman Juunaddiin maricharratti, Itiyoophiyaan damee oomisha qorichaaleef xiyyeeffannaa kenniiteen Paarkiin Indaastirii Qilinxoo damichaaf mijeeffamuu eeraniiru.

Hirmaannaan abbootii qabeenyaa Hindi dabalaa dhufuu eeranii, koorporeeshinichis abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi idil addunyaa damicharratti bobba’uu barbaadaniif deeggarsa akka taasisu mirkaneessaniiru.

Abbootiin qabeenyaa Hindis Paarkii Indaastirii Qilinxoootti haala mijataa bu’uuraalee misoomaa fi kenniinsa tajaajilaa jiru daawwachuun gammachuu isaanii ibsanii, paarkichatti hojii invastimantiirratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment