Abbootiin qabeenyaa Ejansiiwwan 49 yakka daddabarsa namoota seeraan alaarratti bobba’an to’ataman

Finfinnee, Qaammee 1, 2016 (FBC) – Abbootiin qabeenyaa Ejansiiwwan 49 yakka daddabarsa namoota seeraan alaarratti bobba’an akka to’ataman taasifamuu Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya biyyaalessaa beeksise.

Tajaajilicha ibsa miidiyaaleef ergeen akka beeksisetti qaamolee biyya keessaa fi alaatti yakkicha raawwachaa jiranirratti hordoffii fi qorannoo bal’aan gaggeeffamaa turuu himeera.

Qorannicha bu’uura taasiisuun Poolisii Federaalaa waliin ta’uun qaamolee gochicha keessatti hirmaachuun shakkaman abbootiin qabeenyaa Ejansiiwwan 49 to’annoo jala oolfamuu eereera.
Baatiwwan 11 darban keessa qofa lammiileen kumni 15 ol karaa seeraan alaa biyyaa bahuu qorannoo gaggeeffameen mirkanaa’uu ibsameera.

Comments (0)
Add Comment