Abbootiin qabeenyaa Chaayinaa gabaa Oomisha Ityoophiyaa daawwatan

Finfinnee, Adoolessa 17, 2015 (FBC) – Abbootiin qabeenyaa Chaayinaa dameewwan hojii adda addaarraatti hirmaatan 20 sochii daldalaa gabaa Oomisha Ityoophiyaa daawwataniiru.

Abbootiin qabeenyaa kunneen hojmaata gabaa oomisha ilaalchisee daayrektara olaanaa dhaabbatichaa Obbo Wandimmaaganyi Nagaraa waliin mari’ataniiru.

Obbo Wandimmaaganyi Gabaan Oomisha Ityoophiyaa oomisha isaa harka caalu gara Chaayinaatti kan ergu ta’uu eeruun, sona dabaluurratti osoo hojjetame bu’aa qabeessa ta’uu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment