Finfinnee, Hagayya 21, 2013 (FBC) – Abbootiin qabeenyaa Alaa hojii Invastimantiirratti akka bobba’aniif fooyya’iinsi Imaammataa taasiifamuu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimaad ibsaniiru.
Yaa’iin Biyyoota garee 20 ‘Kompaakti wiiz Afrikaa Iniisheetiif’ jedhamu har’a gaggeessummaa mootii Jarman Angeelaa Maarkiliin intarneetiin gaggeeffameera.
Waltajjicharratti Dooktar Abiy dabalatee hoggantoonni biyyoota Afrikaa garaagaraa hirmaataniiru.
Dooktar Abiy ‘Kompaakti wiiz Afrikaa Iniisheetiif’ biyyoota Afrikaatti jijjiirrama qabatamaa fiduu akka danda amantaa qabaachuu haasawa taasiisaniin himaniiru.
Ityoophiyaan fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa taasiisuun dhiibbaa Idaa alaa hir’isuu danda’uu ishee ibsa taasiisaniiru.
Carraa hojii biyya keessaa jajjabeessuurratti hojiileen garaagaraa hojjetamuu kaasaniiru.
Abbootiin qabeenyaa alaa Ityoophiyaatti Invastii akka taasiisan damichaan fooyya’iinsi imaammataa taasiifamuu eeraniiru.
Akka fakkeenyatti Teeleekoomiin walakkaan Abootii qabeenyaa dhuunfaaf dabarfamuu kaasaniiru.
Ityoophiyaan dhiibbaa weerara dandamachuun guddina diinagdee galmeessuu danda’uu Dookta Abiy ibsaniiru.
Yeroo jalqabaaf bara baajataa tokkotti sharafa alaa Doolaara Biiliyoona 4 tti hiiqu argachuu ishee himaniiru.
Biyyoonni miseensa garee 20 Afrikaa Dhiibaa diinagdee weerara vaayrasii koroonaa jalaa dandamachiisuuf deeggarsi diinagdee taasiisan shoora olaanaa gumaachuu hoggantoonni Afrikaa waltajjicharratti hirmaatan dubbataniiru jedhame.
Tumsi diinagdee taasiifamu cimee itti fufuu akka qabu hoggantoonni kunnee gaafataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.