Abbootiin Gadaa tumsa bulchiinsi magaalaa Finfinnee lammiilee hongeen miidhamaniif taasise galateeffatan

Finfinnee, Bitootessa 5, 2015 (FBC) – Abbootiin Gadaa Godina Booraana tumsa bulchiinsi magaalaa Finfinnee lammiilee hongeen miidhamaniif taasise galateeffataniiru.

Abbootiin Gadaa kunneen yaa’ii Manni Maree magaalaa Finfinnee gaggeessaa jirurratti argamuun galata dhiyeessaniiru.

Deeggarsi bulchiinsi magaalichaa taasiise hawaasa bira qaqqabuu eeruun, bulchiinsi magaalichaa yeroo rakkoo kanaatti hawaasa cinaa dhabbachuu isaaf galateeffataniiru.

Ummanni Godina Booraana miseensota mana marichaaf Uffataa Aadaa Booraanaa gumaachuu AMN gabaaseera.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Godina Booranaatti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 52 taasiisuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment