Abbootiin Gadaa Oromoo Irreechi bara kanaa karaa aadaa, duudhaa fi safuu isaa eeggateen akka kabajamu ergaa dabarsan

Finfinnee, Qaammee 2, 2016 (FBC) –Kabaja Irreecha bara kanaa ilaalchisee mariin gaggeeffameera.

Abbootiin Gadaa, Hayyoonni, Jaarsoliin Biyyaafi Haadholii Siinqee marii magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamerratti hirmaataniiru.

Irreecha bara kanaa karaa aadaa, duudhaafi safuu Oromoo eeggateen waloomaan daangaa tokko malee akka kabajamu dhaamaniiru.

Qaamoleen sababa wal dhibdee yaadaatiin gargar fagaatanis waliif araaramuun afaan tokkoon,yaada tokkoon Oromoofi Orommiyaaf jedhanii nagaa buusuun waliin akka irreeffatan waamicha waloomaa dabarsaniiru.

Abbootiin Gadaa,nageenyi qabeenya guddaa dhala namaa ta’uu ibsuun qorsi lolaa fi jibbaa jaalala ta’uu dubbachuun Uummanni Oromoo biyyaa keessaafi alaa nagaa waaressuun ayyaana isaa nagaan kabajatuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Uummanni Oromoo injifannoo argate kunuunfachaa ayyaanni Irreechaa nageenya,tokkummaa,jaalalaa fi diingdee ta’uu hubachuun waloon kabajamuu akka qabu ibsuun Irreechi garee kamiiyyuu ol ta’uu beekanii waliin bahanii Irreeffatanii nagaan galuu guddina Oromoo kan agarsiisu ta’uu Abbootin Gadaa dhaamsa dabarsuu ragaan BKO irraa argame ni mu’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment