Finfinnee, Amajjii 7, 2014 (FBC) -Abbootiin Gadaa, Jaarsoliin biyyaa fi haadholiin Siinqee guutuu biyyattiirraa walitti babba’aan haala waqtaaratti mari’achuun ibsa ejjennoo abbaa qabxii 6 baafataniiru.
Iddoolee garaagaraa Waraannitti gaggeeffametti miidhaa qaqqabeen lubbuu fi qabeenya barbadaa’eef gaddi onnee cabse itti dhaga’amuu ibsa ejjennoo isaaniin himaniiru.
Kutaalee hawaasaa sababa waraanaan miidhaman deebisanii dhaabuuf qaamni hundi deeggarsa barbaachisu akka taasiisan waamicha dhiyeessaniiru.
Waraanicha hordofee waldhabdee kutaalee hawaasaa gidduutti uumame furuuf mareen biyyalessaa qooda olaanaa qabaachuu isaa yaadachiisaniiru.
Mootummaan hidhamtoonni akka hiikkaman waamicha dhiyaate fudhachuun nageenya biyyaaf jecha tarkaanfiin fudhate nageenya biyyaa ejjennoo qabu muul’isuu isaa dinqisiifachuun, ammas haaluma eegaleen cimee akka itti fufuu waamicha dhiyeessaniiru.
Naannoleenis haala kana akka hordofan waamicha taasiisaniiru.
Qaamolee tibbana mana hidhaatii ba’an gama isaaniin imalli nageenyaa eegalame akka dhugoomuu gumacha isaanirraa eeggamu akka gumaachan gaafataniiru.
Abbootiin Gadaa, Jaarsoliin biyyaa fi haadholiin Siinqee kunneen biyyattiitti nageenyi waaraa akka mirkanaa’u qaamoleen meeshaa waraanaa hidhatanii bosona keessa socho’an garaagartee jiru mariin furuuf gara waltajjii nageenyatti akka deebi’an waamicha taasiisaniiru.
Mootummaan waamicha kana fudhachuun haala akka mijeessu gaafataniiru.
Waamicha nageenyaa olitti dhiyaate hojiirra oolchuuf garee nageenya biyyaalessaa miseensota 11 of keessatti hammate hundeessuu isaanii ibsaniiru.
Yisimaaw Adaraawutu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.