Abbootiin Amantaalee ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC) – Abbootiin Amantaalee bara haaraa 2017 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Barri haaraan waayita kabajamuu nageenya biyyaa waaressuu fi guddina diinagdeef hojjechaa kan rakkate walgaaraa ta’uu akka qabu abbootiin amantaalee kunneen dhaamaniiru.

Bara haaraa kanatti Keessa keenya haaromsuun, biyya keenya haa haaromsinu jedhan Paatiriyaarikiin Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa Itiyoophiyaa Eebbifamoo Abunee Maatiyaas.

Waldhabdee mariin furuun, qoodinsa tokkummaa jabeessuun, lola haaraan hiikuun hawaasa ijaaruuf haa tattaaffannu jedhuun dhaamaniiru.

Itiyoophiyaan biyyaa hordoftoonni amantaalee garaagaraa Jaalalaa fi tokkummaan wal kabajuun jiraatan ta’uu Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahiim Tufaan ibsaniiru.

Muxannoo kana caalmaatti cimsuuf hunduu qooda isaa bahuu akka qabu dhaamaniiru.

Qaamni hundi bara haaraa 2017 kanatti araara buusuun, nageenya waaressuun misoomaa fi guddina biyyaaf akka hojjetan gaafataniiru.

Phaaphaasiin mana Amantaa Kiristiyaanaa Kaatolikii Itiyoophiyaa Kaardinaal Abunee Birhaaneyyasuus Suraafeel gama isaaniin, bara haaraatti jijjiiramaaf haa qophoofnu jechuun dhaamaniiru.

Barri haaraan kan nageenyaa fi guddina biyyaaf itti hojjennu, kan rakkate itti gargaarru, bara tokkummaa, jaalalaa fi dhiifamaa akka hawwaniiru.

Barri 2017 bara nageenyi itti mirkanaa’u, jaalalli itti waaruu fi tokkummaan ummataa itti ititu akka ta’uu Pireezidaantiin Gamtaa Waldaalee Kiristiyaanaa Itiyoophiyaa Paastar Tsaadiquu Abdoon ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment