Abbootiin amantaa qaamolee nageenyaa cinaa dhaabbachuun nageenya amansiisaa fiduuf hojjechuun qabu jedhame

Finfinnee, Bitootessa 1, 2014 (FBC)-Bulchiinsa magaalaa Shaashamanneetti  konfaransiin nageenyaa dhaabbilee amantaa gaggeeffamaa jira.

Abbootiin amantaa waltajjicharratti hirmaataan haasaa taasisaniin manneen amantaa haaluma barsiifata mana isaaniitiin wal qixxummaa fi wal jaalala gidduu amantaa cimsuun nageenya waaraa ni buufna jedhaniiru.

Waajjira poolisii magaalaa Shaashamanneetti gargaaraan inspeektaraa Taganee Dhaabaa abbootiin amantaa qaamolee nageenyaa cinaa dhaabbachuun nageenya amansiisaa fiduuf hojjechuun cimee itti fufuu qaba jedhan.

Tokkummaan abbootii amantaa, biyya ijaaruu keessatti bu’uura jedhame.

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Shaashamannee Obbo Ibraahim Kadiir manneen amantaa nageenya hawaasaa fi naannichaa eegsisuu keessatti adda dureedha jedhaniiru.

Kanfaransicharrattis Abbootiin Gadaa,haadholiin siinqee, Abbootiin Amantaa,Jaarsoliin biyyaa,dargaggoonnifi bakka buutoonni mootummaa sadarkaan jiran irratti hirmaataniiru.

Jibriil Huseentu gabaase

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment