Abbootiin amantaa hojiilee misoomaa Finfinnee daawwatan

Finfinnee, Eebila 26, 2012 (FBC) – Abbootiin amantaa hojiilee misoomaa magaalaa Finfinnee daawwatan.
 
Daawwii proojaktootaarratti itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan argamaniiru.
 
Abbootiin amantaa hojii deebisanii mkisoomsuu Addabaaba’ii Masqalaa, Wiirtuu Adwaa, mana kitaabaa, dhaabbii konkolaataa masaraa daawwataniiru.
 
Injiinar Taakkalaanis hojiilee proojaktoota misoomaarratti ibsa laataniiru.
 
Proojaktii misoomaa Addabaaba’ii Masqalaa Mana Qopheessaatin ala, ijaarsi mana kitaabaa, dhaabbii konkolaataa fi Wiirtuu Adwaa Birrii biiliyoona 10.3 hojjetamaa jiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment