Abbootiin amantaa fi jaarsoliin biyyaa jiraattoota magaalaa Maqalee waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC) – Abbootiin amantaa yaa’ii dhaabbiilee amantaa Ityoophiyaa keessaa walitti babba ‘anii fi jaarsoliin biyyaa jiraattoota magaalaa Maqalee waliin mari’atan

Abbootiin amantaa kunneen hariiroo ummataa cimsuu fi wayita duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu lammiilee miidhan irra qaqqabe jajjabeessuuf gara Maqalee imaluu isaanii ibsameera.

Abbootiin amantaa fi jaarsoliin biyyaa kunneen turtii Magaalaa Maqaleetti taasiisaniin jaarsolii biyyaa fi bakka buutoota hawaasaa magaalichaa waliin mari’ataniiru jedhame.

Ummanni tokkummaa, jaalalaa, walkabajuu fi waloon akka jiraatu abbootiin amantaa ga’een qaban olaanaa ta’uu jiraattoonni maricharratti hirmaatan dubbataniiru.

Dhaabbileen amantaa hundi ummanni xinsammuun akka jajjabaatu waltajjiiwwan garaagaraa qopheessuu akka qaban jiraattonni kunneen eeraniiru.

Dureewwan amantaa kunneen gama isaaniin kan darberraa barachuun dhaloonni abdii akka hin muranne hojii tasgabbeessuu hojjechuu dirqama qabaachuu ibsaniiru.

Kaayyoon gara Maqalee imalaniif ummata cinaa ta’uu mirkaneessuu fi jajjabeessuuf ta’uu dubbataniiru.

Abbootiin amantaa fi jaarsoliin biyyaa kunneen hoggantoota bulchiinsa yeroo fi abbootii amantaa dhaabbilee amantaa Maqaleetti argaman waliin kan mari’atan ta’uu ibsameera.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

Comments (0)
Add Comment