Abbootiin amantaa dhaloota waldhabdeerra nageenya, jibbiinsarra araara hubatu uumuuf hojjechuu qabu – Preezdaanti Saahilawarq

Finfinnee, Bitootessa 1, 2013 (FBC) – Guyyaan Hundeeffama Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa 10ffaan mata duree ‘Nageenyaaf ni hojjetanna, nageenyaan ni jiraanna, eenyummaan wal qooduu ni balaalleeffan’ jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Yaa’icharratti keessummaa kabajaa ta’uun kan argaman Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen biyya kamiiyyuu caalaa Ityoophiyaatti biyya amantaan waldanda’uun keessa jiraataniidha jedhan.
Dhuudhaan kun biyyaafis ta’ee ummataaf sona akka ta’u ni hojjenna kan jedhan Preezdaant Saahilawarq,hawaasni bal’aan ajaje hogganaa maatii caalaa gorsa abbootii amantaa ni dhaga’a, jecha isaanii ni kabaja jedhan.
Har’a biyyi teenya misooma, araara, nageenya barbaaddi,dargaggoonnis ijaarsa namuusaa barbaadu, dhaloota kana ijaaruun murteessaadhan jedhan Preezdaant Saahilawarq.
Abbootiin amantaa dhaloota waldhabdeerra nageenya, jibbiinsarra araara hubatu uumuuf hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Yaa’icharratti dursitoonni amantaalee hundaa fi ambaasaaddaroota dabalatee namoonni bebbeekkamoon hirmaachaa jiru.
Zabiib Taklaayitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
Comments (0)
Add Comment