Abbootiin alangaa ga’ee ogummaasaanii haalaan akka ba’ataniif hundeeffamuun waldaa abbootii alangaa barbaachisaadha- Dooktar Geediiyoon Xiimotiwoos

Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC) – Abbootiin alangaa ga’ee ogummaasaanii haalaan akka ba’ataniif hundeeffamuun waldaa abbootii alangaa daran barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediiyoon Xiimotiwoos ibsan.

Waldaan Abbootii alangaa Ityoophiyaa seenaasaa keessatti yeroo jalqabaaf yaa’ii waliigalaa gaggeesseera.

Yaa’ichaan aadde Sinidduu Alamuu preezdaantii, obbo Teewodiroos Geetaachoo ammoo ittaanaa Preezdaantii waldichaa ta’uun filatamaniiru.

Aadde Hiruut Mallasaa, obbo Filiippoos Ayinaalam, Obbo Liiquu Warquu, obbo Yoseef A’imiroo, aadde Hoosaanaa Nagaash, aadde Tiddanaqiyaalash Tasfaa fi obbo Salamoon Immiruu  ammoo miseensa hojii raawachiistuu waldichaa ta’uun filatamuu eerameera.

Abbootiin alangaa ga’ee ogummaasaanii haalaan akka ba’ataniif, ga’umsi ogummaa fi namuusni  abbootii alangaa akka guddatuuf waldaan abbootii alangaa seeraan hundaa’e daran barbaachisaa ta’uu Dooktar Geediiyoon yaa’icharratti ibsaniiru.

Waldichi itti gaafatamummaasaa ga’umsaan ba’achuun ogummichi kabajamaa akka ta’u, abbootiin alangaa ga’umsaa fi namuusaan maqaa gaarii qaban akka baayyataniif waldicha waliin dhiyeenyatti hojjechuuf eeyyamamoo fi qophii ta’uu eeruu isaanii ragaan Ministeera Haqaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment