Abbootii qabeenyaa kaapitaala Birrii biilyoona 83 galmeesisan hojii investimantiitti galchuuf hojetamaa jira

Finfinnee, Muddee 12, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti qonnaa bulaa,horsisee bulaa, waldaalee IMX cee’anii fii abbootii qabeenyaa kaapitaala Birrii biilyoona 83 galmeesisan hojii investimantiitti galchuuf hojjechaa jiraachuu Komishiniin Investimantii Oromiyaa beeksise.

Murtee haaraawa boordiin komishinii Investimantii Oromiyaa dabarseen horse bulaa fi qonnaan bulaa 82.2% ,waldaaleen IMX 7.3% akkasumas abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa 10.5 % hirmaachuuf jedhan Komishanarri Komishiniin Investimantii Oromiyaa Dooktar Baay’isaa Badhaadhaa.

Lammiilee kuma dhibba 3 fi kuma 15 oliif carraan hojii ni uumaama jedhan komishinarrichi.

Akka naannichaatti baatii 5 darban keessaa proojektoonni 79 hojiitti galuun lammilee kuma 20 oliif carraa hojii uumaniiru.

Kenna tajaajila bakka tokkotti kennamaa jiruunis Proojektoonni 83 hojii oomishuu keessaa galaniiru jedhan Dooktar Baay’isaan.

Proojektoota haala waliigalteen hojiitti hin galle 18’tiif of eeggannoon kennamuu fi  proojektoota 62 ammoo waliigalteen isaani haqameera jedhan.

Karaa toora weebsaayitii/marsariitii ‘Oromiaenvest.com’ jedhun tajaajila amaayyaa teeknooloojiitti fayyadamuun abbootii qabeenyaa biyya keessa afi alaa hirmaachisa jirra jedhan komishinarichi.

Oromiyaan giddugala Investimantii ta uu isheetin abbootiin qabeenyaa carraa jirutti akka DooktarBaay’isaan waamicha taasisaniiru.

Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment