Finfinnee, Guraandhala 8, 2015 (FBC)- Abbootii Amantaa Mana Amantaa Ortodoksii Ityoophiyaa gidduutti waldhabdeen umamee turee mariin furamuun himame.
Abbootii amantaa fi jaarsolii biyyaa waliin rakkoo mana amantatti mudate furuuf mari’atameera.
Tokkummaa fi tajaajila babal’isuun barbaachisa ta’uun itti amanamee waliigalteerraa ga’uu abbootiin amataa ibsa kennaniin himaniiru.
Gaaffilee Afaaniin walqabatanii ka’aan manni amantatti hojiilee eegaltee cimsitee kan itti fuftu ta’uun kan ibsame yoo ta’uu, dhimmi baajataa fi humna namaa cimsuun xiyyeeffannaan ni hojjetamas jedhameera.
Dabalataanis, Afaan Oromootiin amanticha kan cimsan koolleejjiiwwan leenjii fi yuunivarsitootaa cimsuun mana amantichaa dhalootatti ceesisuuf, rakkooleen furamuu qaban qorannoon, marii fi hojmaata irratti bu’uureffachuun hojjechuuf waliigalteerra ga’amuun ibsameera.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.