Abbaan taayitichaa baatiwwan shan keessaatti galii Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 41.9 ol walitti qabe

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC)- Abbaan Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’aa magaalaa Finfinnee baatiwwan shan keessaatti galii Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 41.9 ol walitti qabu ibseera.

Abbaan taayitichaa baatiwwan shan keessatti galii Birrii miiliyoona dhibba 7 miiliyoona 76 kuma 300 fi kuma 76 fi 677 walitti qabuuf karoorsee galii Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 41. fi 987 walitti qabuun karoorasaa %96 milkeessuu beeksiseera.

Galichi kan walitti qabamee damee tajaajila bishaaniin gurgurtaa bishaanii, gibira lakkooftuu, walitti hidhamiinsa sarara bishaanii fi damee dhangala’aarra ta’uu beekameera.

Abbaan taayiticha bara baajatichaatti galii Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 705 walitti qabuuf karoorsee hojjechaa jiraachuu ragaan waajjira prees seekiretaariyaatii maagaalaa Finfinneerraa argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment