Abbaan Taayitichaa Televizhinii Ashaamiif Akeekkachiisa kenne

Finfinnee, Fulbaana 29, 2017 (FBC)- Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Televizhini Ashaamiif akeekkachiisa xumuraa kenneera.

Abbaan Taayitichaa dhimmicha ilaalchisee ibsa baaseen, Televizhiniin Ashaam labsii Miidiyaalee Itiyoophiyaa 1238/2013 fi seeroota biroo kabajee hojjechuuf eeyyama Abbaa Taayitichaarraa argateen tamsaasarra jiraachuu ibseera.

Haa ta’u malee, buufatichi odeeffannoo sirrii hintaanee fi gabaasa walitti bu’iinsaa kakaasan, odeeffannoowwan hariiroo uummataa laaffisanii fi faayidaa biyyaalessaa miidhaan osoo hinqulqulleessin irraa deddeebiin tamsaasaa turu hordoffii taasiseen mirkaneeffachuu eereera.

Buufanni Televizhinii kun kanaan dura odeeffannoowwan walfakkaata tamsaasu isaan akeekkachiisni duraa kennamee turuu yaadachiiseera.

Buufatichi akeekkachiisa kennameef kabajuu dhiisuun qabiyyeewwan seerota biyyaattii hinkabajne tamsaasaa jiraachuu Abbaan Taayitichaa beeksiseera.

Haaluma kanaan Televizhinii Ashaam bu’uura labsii Miidiyaalee 1238/2013’n seera biyyaattii kabajee hojjechuuf akkaata waliigaltee raawwateen waan hinhojjenneef akeekkachiisni dhumaa kun kennamuu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment