Abbaan Taayitichaa ijaarsa daandiif waliigaltee birrii biiliyoona 18.2 mallatteesse

Finfinnee, Amajjii 26, 2013 (FBC) – Abbaan Taayitaa Daandiwwanii Ityoophiyaa ijaarsaa daandiif waliigaltee birrii biiliyoona 18.2 mallateesseera.
Kan har’aa dabalatee bara baajata 2013tti baatii jahaa keessatti qofa proojektoota daandii 21 ijaarsiisuuf waliigaltee birrii biiliyoona 43.3 mallatteessuu ibsameera.
Waliigala daandii Kiiloo Meetira kuma 1 fi 774 dheeratu ijaarsiisuuf ta’uu himameera.
Baasiin proojektoota daandii 20 baasii mootummaa Ityoophiyaan kan uwwifamu ta’uus ibsameera.
Kan proojektii 1 ammoo dhaabbata Deeggarsaa Idila addunyaa Jaappaan (JICA), Baankii Misoomaa Afrikaa fi baankii addunyaarraa liqii argameen kan hojjetamu ta’uu eeeramera.
Ijaarsa daandiiwwan kanneeniif dhaabbilee ijaarsaa biyya keessaa fi alaa waliin waliigalteen mallattaa’eera jedhame.
Yisimmaaw Adaraatu gabaase
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment