Finfinnee, Mudde 24, 2015 (FBC) – Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa hojiilee qorannoo Gaazexeessummaa gaggeeffamu gufachiisuuf yaaliin taasiifamu kamiiyyuu akka dhaabbatu yaadachiiseera.
Abbaan taayitichaa ibsa Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif ergeen, qaamoleen haqaa hojiilee gaazexeessummaa qorannoo jajjabeessuu qaban malee gufachiisuu akka hin qabne hubachiiseera.
Akkaataa Heera Mootummaa FDRI keeyyata 29 muraa 2,3 /B fi keeyyata 4, akkasumas labsii Miidiyaalee lakkoofsa 1238/2013 keeyyata 48tiin miidiyaaleen odeeffannoo faayidaa ummataa ilaallatan argachuu mirga kan qaban ta’uu tumameera.
Ragaa ijaarsa Diimookiraasii fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf barbaachisan argachuu fi bilisaan qorannoo gaggeessurra darbee eeggumsi seeraa akka taasiifamuu tumamuu isaa himeera.
Gaazexeessummaa qorannoo jajjabeessuuf uwwisa seeraarra darbee mootummaan hojmaatichii akka jabinaan hojjetamu kallattii kaa’uu fi Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad walga’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarratti argamuun hojichaaf xiyyeeffannoon akka laatamu yaadachiisuu ibsichi eereera.
Yaaliin ogeeyyiin miidiyaalee qorannoo Gaazexeessummaa akka hin gaggeessine gufachiisuu, mirga lammiilee ukkaamsuu, ijaarsa sirna diimookiraasii quucarsuu fi itti gaafatamummaan akka hin mirkanoofne taasiisuu, akkasumas balleessistoota waliin tumsaan akka hojjetaniitti kan ilaallamu ta’uu kaaseera.
Yeroo dhiyoo as hojiin qorannoo gaazexeessummaa akka dhaabbatu ajaja laachuun mul’achaa jiraachuu himeera.
Abbaan Taayitaa Miidiyaalee hojii miidiyaaleef haalli akka mijatu itti gaafatamummaa seeran itti laatame ba’uuf jecha qaamoleen hojiilee Qorannoo Gaazexeessummaa gufachiisan kamiiyyuu yaalii isaanii akka dhaaban hubachiiseera.
Keessattuu qaamoleen haqaa hojii kanaaf tumsaa barbaachisu taasiisuu osoo qabnuu hojicha gufachiisuu akka hin qabne waamicha dhiyeeseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.