Abbaan Taayitichaa baatiiwwan 9 darbanitti galii Birrii biiliyoona 1.4 ol argachuu ibse

Finfinnee, Bitootessa 28, 2014 (FBC) – Abbaan Taayitaa Eeyyamaa fi To’annoo Konkolaachisaa fi Konkolaataa magaalaa Finfinnee   baatiiwwan 9 darbanitti galii Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 60 fi kuma dhibba 1 fi kuma 33 fi 960 argachuu ibse.

Abbaan taayitichaa galii Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 75 walitti qabuuf karoorsee Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 60 fi kuma dhibba 1 fi kuma 33 fi 960 walitti qabuu ibseera.

Abbaan taayitichaa galicha kan argate kaffaltiiwwan tajaajilaa garaagaraarraa ta’uu ragaan Abbaa Taayiticharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment