Abbaan Taayiticha haasa jibbiinsaa miidiyaa hawaasaan tamsa’an ittisuuf hojjechaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2015 (FBC) – Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa haasa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa miidiyaa hawaasaan tamsa’an ittisuuf qooda fudhattoota waliin magaalaa Finfinneettii mari’ateera.

Akka biyyaatti haasa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa miidiyaa hawaasaa tamsa’an to’achuuf labsiin bara 2012 bahe hojiirra oolaa jiraachuu Itti aanaan Daayrektera Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa Obbo Yoonataan Tasfaayee ibsaniiru.

haasaan jibbiinsaa fi odeeffannoon sobaa akka Addunyaatti rakkoolee hawaasummaa, siyaasaafi diinagdee qaqqabsiisaa jirachuun ibsameera.

Abbaan Taayitichaa miidiyaa hawaasaa kanneen akka Feesbuukii,Teelegiraama, Yuutuubii, Tiwiitaraa fi TiikTookiirrattii hordoffii fi qorannoo kan taasise yoo ta’u, haasa jibbiinsaafi odeeffannoo sobaan jeequmsa uumuuf hojjetamaa turuu ibsameera.

lammiileen hundi haasa jibbiinsaafi odeeffannoo sobaa ittisuuf gahee isaa bahuu akka qabu dhaamaniiru.

Tsaggaayee Wandawasantu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment