Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa Televizhiinii ESAT’f akeekkachiisa barreeffamaa xumuraa kenne

Finfinnee, Eebla 5, 2015(FBC)- Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa Televizhiinii ESAT’f akeekkachiisa barreeffamaa xumuraa kenne.

Televizhiiniin ESAT yeroo dhiyoo asitti gabaasota madaala hin eegne, ragaa qabatamaa irratti kan hin hundoofneefi tokkummaafi wal amantaa uummataa diigan irra deddeebiin dhiyeessuun labsii miidiyaalee 1238/2013 irra darbuun akkasumas haasawaa jibbiinsaafi odeeffannoo sobaa ittisuufi to’achuuf labsii ba’e 1185/2012fi naamuusa gaazexeessummaa cabsaa jiraachuu ibsameera.

Haaluma kanaan miidiyichi gabaasaalee sobaa madaala hin eegganne tamsaasuun odeeffannoowwan waliin jireenya uummatootaa irratti dhiibbaa uuman tamsaasuurraa akka of qusatu akeekkachiisni barreeffamaa xumuraa kennuu hubachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment