Abbaan Taayitaa Geejjiba Oromiyaa tajaajilasaa ammayyeessuuf hojjechaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2013 (FBC)- Abbaan Taayitaa Geejjiba Oromiyaa tajaajilasaa ammayyeessuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Tajaajila geejjibaa teeknooloojiin tumsuu fi si’eessuuf hojjechaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Geejjiba Oromiyaa ibseera.

Abbaan taayiticha raawwii hojii bara baajata 2013 fi karoora ka’umsa bara itti aanuurratti magaalaa Adaamaatti marii taasisaa jira.

Daayreektarri olaanaa Abbaan Taayitaa Geejjiba Oromiyaa obbo Abdulqaadir Huseen akka ibsanitti, riifoormiin seektiricha galteewwan 16 qabatee bocamee gara hojiitti galameera.

Kanaafis Sooft Weerii haaraan maagaaloota Buraayyuu, Bishooftuu, Mojii fi Adaamaatti sadarkaa yaaliitti hojiirra ooluu himaniiru.

Keessaayu kaffaltii, bobbii konkolaattoota, haaromsaa waraaqaa eyyamaa, galmee badii, sakattoo teeknikaa konkolaataa fi tajaajilaa boolloo foddaa tokkoon akka laatamuuf sooftii weerichii gara hojiitti galuu ibsaniiru TOI gabaase.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

 

 

Comments (0)
Add Comment