Abbaan Taayitaa Galmeessa Odeeffannoo Biyyaalessaa Paakistaan Ityoophiyaatti ce’umsa teeknooloojii taasisuuf qophii ta’uu ibse

Finfinnee, Adoolessa 26, 2014 (FBC) – Abbaan Taayitaa Galmeessa Odeeffannoo Biyyaalessaa Paakistaan Ityoophiyaatti ce’umsa teeknooloojii taasisuuf qophii ta’uu ibseera.

Paakistaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Jamaal Bakriin Daayrektara Abbaa Taayitaa Abbaa Taayitaa Galmeessa Odeeffannoo Biyyaalessaa Muhaammad Taariiq waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin, Abbaan Taayitichaa qabiinsa ragaalee, nageenya odeeffannoofi bulchiinsa odeeffannoo irratti Ityoophiyaaf ce’umsa teeknooloojii taasisuuf qophii ta’uu Muhaammad Taariiq ibsaniiru.

Damichaan haala tajaajila si’ataa kennuun danda’amu, galmeessa ragaalee bu’uuraa, galmeessaafi bulchiinsa waraqaa eenyummaa diijitaalaa fi hojiimaata ammayyaa irratti muuxannoo fi teeknooloojii ceesisuun haala danda’amurratti marii taasisuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment