Abbaan Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa ji’oota jahan darbanii Birrii biiliyoona 17.7 ol walitti qabuu beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2013 (FBC) – Abbaan Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa ji’oota jahan darbanii Birrii biiliyoona 17.7 ol walitti qabuu beeksiseera.
Abbaan Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa gamaaggama hojii ji’oota Jahaa bakka Hoggantoonni Abbaa Taayitaa Galiiwwan Dameewwan Godinaa fi Magaaloota Oromiyaa argamanitti gaggeessuu calqabee jira.
Seensa sagantaa gamaaggama kanaa irrattii haasaa saaqiinsaa kan taasisan Daayrektaarri ol’aantuu Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa aadde Maskaram Dabbabaa bara kana hojii ijoo mootummaan qabatee jiru kanneen akka misooma jal’isii, babal’ina manneen barnootaa, ittisa dhibee Covid-19 fi kanneen tajaajila hawaasaaf oolan galmaan ga’uu keessatti galiin murteessaa akka ta’e ibsaniiru.
Bara kana karoora sassaabbii galii Birrii biiliyoona 29 qabame keessaa raawwiin ji’oota jahan darbanii Birrii biiliyoona 17.7 ol akka ta’e himaniiru.
Milkaa’ina kanaaf sababa kan ta’an; hojimaata sassaabbii galii hammayyeessuu, hojjettootni ciinaan hojjechuu, galii gurguddoo maddeen dhokatan kanneen akka kiraa gamoo irraa adda baasuun sassaabuu, haala mijataa kaffaltoota gibiraaf uumame fi kaffaltoota gibiraa fakkeenyummaa qabaniif beekamtii kennuun isaan ijoo akka ta’an ibsanii jiru.
Raawwii hojii ji’oota jahaan darban irratti gabaasni karaa daayrekteera Karoora, baajata hordoffii fi gamaaggama Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa obbo Taarraqanyi Qana’aa dhiyaatee jira.
Gamaaggamni kun guyyoota sadi’iif kan itti fufu ta’a.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment