Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa Gamaaggama Raawwii hojii baatii 6 gaggeessaa jira.

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC) – Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa Gamaaggama Raawwii hojii baatii 6 gaggeessaa jira.
Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii ijaarsa piroojaktoota Daandii fi riqaalee hanga kurmaana 2ffaa fi Amajjii 2013, marii fi kallattii hojii ijaarsa daandiiwwanii fi riqaalee kurmaanota itti aananii Dhaabbilee kontiraaktarootaa fi Gorsitoota ijaarsa Daandii Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa fi Qooda fudhattoota waliin Magaalaa Bishooftuu hoteela Piraamiditti gaggeessaa jira.
Gamaaggama kanarratti haasaa baninsaa kan taasisan daayrektarri olaanaa Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa injiinar Dajanee Fiqaaduun gamaaggamni kuni guyyaa lamaaf akka turu himanuun, turtii isaanii kana keessattis kaayyoon gamaaggamichaa raawwii hojii baatii 6 gamaaggamuun hojii gaarii hojjetame itti fufsiisuu,kan hudhaa ta’animmoo furmaata itti kennuu ta’uu dubbatan.
Haaluma kanaan, qaamolee hojii gaarii hojjetan kan galateeffatan,warreen proojektoota yeroon xumuruu dhiisanii sababoota hin malleen harkisanirrattimmoo tarkaanfiin barbaachisaa akka isaanirratti fudhatamu dubbatan injiinar Dajaneen.
Guyyaa har’aa piroojaktoota riqaalee kan gamaaggaman yemmuu ta’u, guyyaa boruummoo piroojaktoota daandiiwwaniitu gamaaggamama.
Riqaa fi daandii hojjechuuf Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa maallaqa birrii biliyoona 2.9 karoorfatee hojjechaa jiraachuu isaa kan ibsanimmoo injiinar Shaalloo Mangashaa Daayrektarabulchiinsa kontiraaktaraa fi Dizaayiniiti.
Isaanis Riqaalee 73 karoorfaman keessaa 3 xumuramuu isaanii eeruun, riqaalee 31 xumuruuf kan qabatan ta’uu isaanii himan.
Gama piroojaktoota daandiitiin immoo waliigala kan karoorfame sarara 35 kiloomeetira 173 yommuu ta’u kana keessaa raawwiin kiloomeetira 150 ta’uu isaa injiinar Shaalloon eeraniiru.
Kaffaaloo Shifarraatu gabaase.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment