Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Finfinnee proojaktoota ijaarraman ebbisiise

Finfinnee, Muddee 24, 2012 (FBC) – Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee proojaktoota daandiiwwanii 16  fi riqaalee 7 ijaarsi isaanii xumurame ebbisiise.

Proojaktoonni ebbifaman kanneen kutaalee bulchiinsa magaalichaa garaagaraatti kan hojjeetamanidha.

Daandiiwwanii fi riqaaleen kanneen kiilo meetira 25 fi bal’ina meetira 10 – 30ti jedhameera.

Daandiiwwanii fi riqaalee kunneen baajata bulchiinsi magaalaa Finfinnee ramade Birrii biiliyoona 1 oliin hojjetaman.

Proojaktonni kanneen irra caalaan yeroo qabameef keessatti kan xumuramanidha.

 

Comments (0)
Add Comment